Kennasaa Muluneeh: Dhalattuu Dirree Dhawaa Awurooppaa hanga Dubaayitti dhaabbileen gara garaa hundeessuufi deebistee gurguruun miliyeenara taate - BBC News Afaan Oromoo (2024)

Kennasaa Muluneeh: Dhalattuu Dirree Dhawaa Awurooppaa hanga Dubaayitti dhaabbileen gara garaa hundeessuufi deebistee gurguruun miliyeenara taate - BBC News Afaan Oromoo (1)

Madda suuraa, Kennasaa Muluneeh

Kennasaa Muluneeh jedhamti. Dirree Dhawaatti dhalattee wagga sadan dhalattetti Awurooppaatti qajeelte. Hiddi ishee Itoophiyaarraati jechuudha.

Maqaan kee ‘Kennasaa’ jedhu kun hiikni isaa maalidha kan jedhu gaaffiilee gareen BBC Dubaay deeme ishee waliin turtii taasise gaafate keessaa tokko ture.

‘Kennasaa’ jechuun ‘Kennaa Isaa’ ykn kennaa Rabbii jechuudha jette.

Umuriin ishee wagga digdamoota keessa yeroo jirutti mul’ata maatiishee guutuuf jecha barnoota fayyaatiin doktora taate.

Miidiyaa hawaasaa irratti dammaqinaan hirmaatti, sirriittis fayyadamti.

Dhaabbileen afurii hanga ja’aa ta’an hundeessuun itti milkoofteetti.

Milkaa’ina kiyyaaf miidiyaan hawaasaa gahee guddaa qaba kan jettu Kennasaan, hojiishee gara caalan kan hojjettu karaa miidiyaa hawaasaati.

Faashina ‘Muluu’ jedhamus qabdi.

Uffata hojiishee faashiniif ta’u kan omishtu ammoo warshaa Paakistaan keessatti hundeessiteetti.

Jireenyashee Dubaay keessa godhattee uffata faashinashee gabaa Eeshiyaafi Awurooppaa keessatti gurguraa jirti.

Muuxannoo imala jireenyasheefi yaada biizinasii uumuu ilaalchisee barnoota ni kenniti.

Kennasaa Muluneeh…

Kennasaa Muluneeh: Dhalattuu Dirree Dhawaa Awurooppaa hanga Dubaayitti dhaabbileen gara garaa hundeessuufi deebistee gurguruun miliyeenara taate - BBC News Afaan Oromoo (2)

Madda suuraa, Kennasaa Muluneeh

Yeroo umuriin ishee wagga sadii jiru ture kan maatiishee waliin gara Neezerlaandis deemte.

Maatiishee waliin deemuun ammoo aadaafi duudhaa biyyaa isaanirraa akka barattuuf ishee gargaareera.

Aadaa Neezerlaandis kan keessatti guddattes “eenyummaashee biraa” akka ta’e dubbatti Kennasaan.

Hojiiwwan amma hojjechaa jirtuuf eenymmaan dachaa qabdu lammileen biyyoota lamaanii argachuutiin akka ishee gargaaran ibsiti.

Maatiin ishee kan hawwaniif akka isheen ogummaa fayyaa barattee doktora taatu ture.

Ogummaa fayyaa barachuun fedhiishee ta’uu baatus ogummaa kana baratteetti.

Biyya keessatti guddattetti ijoolleen fedhiisaanii filatanii akka guuttatan jajjabeeffamu.

Hiriyyoonnishee mana barumsaas wanti godhan kanuma ture.

Kennasaan garuu fedhii maatiishee milkeessuuf jecha mana-barumsaa ogummaa fayyaa itti baratan galte.

Barnootashees xumurtee ‘Doktora’ taate.

Haata’u malee, ogummaa fayyaa kanaan eebbifamtee booda guyyaa tokkoyyu hakiima taatee ittiin hin hojjenne.

“Fedhii maatiikoo guuteera; ammammoo fedhiikoo guuttachuun qaba jedheen hojii mataakootii jalqabe,” jechuun guutummaan guutuutti hojii ogummaa fayyaarraa adda ta’e jalqabuushee dubbatti.

Ogummaa fayyaa ittiin eebbifamteen hojjechuu baattus garuu ogummaa fayyaa kana barachuun ishee carraa jireenyashee itti aanu jijjiiru akka uumeef dubbatti.

Wanti ta’e akkasi.

Barnoota ogummaa fayyaa bara xummurtutti waraqaa eebbaa akka qopheessituuf gorsaadheetiin itti himama.

Kennasaan ka’umsa yaada barreefama qorannoo dhiyeessite ‘Narsoonni dhukkubsachuun ykn sababa biroon yeroo hojiirraa hafanitti bakkuma jiran taa’anii sirna hojiisaanii hojjehcuu danda’an diriirsuu’ kan jedhu ture.

Barreeffamni qorannoo qopheessites gorsaashee biratti dinqisiifannaa guddaa argamsiiseef.

Qabatamaan gara hojiittti jijjiruu akka dandeessu ishee gorse. Kennasaan hin amanne ture.

Battalumatti hojii qorannooshee kana hojiitti hiiktee dhaabbata mataashee isa jalqabaa hundeessite.

Waggaa tokkoo ol ittiin hojjette.

Dhaabbata kanarraa ji’atti hanga dolaara kuma argachaa akka turte yaadatti.

Waggaa tokkoon booda ammoo kampaaniin inshuraansii tokko dhaabbatashee kana bitachuudhaaf fedhii agarsiise.

Dhaabbatichas gurgurte.

Kennasaan yeroo jalqabaatiif dhaabbaticha gurguruusheetiin maallaqni dolaara miliyoonaan lakkaa’amu gara kaazinaasheetti galfatte.

“Maallaqni kun ammoo irra deebiin yoo ittiin hojjetamuu baate dhumuu danda’a; akkas ta’ees garuu umurii sanatti maallaqa dolaara miliyoona tokkoo ol argachuun anaaf waan guddaa ture” jechuun waan ture yaadatti.

Dhaabbatichi hundeeffamuufi gurguramuun Kennasaatiif waan lama fideef.

Tokkoffaan qabeenya ittiin horatte, lamaffaan ammoo “rakkoo qoratanii furmaata barbaaduun akka narra jirun barumsa ittiin argadhe,” jechuun gahee hojii qorannooshee ibsiti.

  • Dubartii Itoophiyaa waan yeroo boqonnaashee irratti dabarsitu gara biizinasii guddaatti jijjiirte

  • Dubartoota damee hojii adda addaan kan jalqabaa ta'uun karra saaqan

  • Liidiyaa Taaffasaa, murteessituu tapha kubba miilaa dhiiraa 'CHAN'

Dhaabbata biraa hundeessuuf kan ishee kakaase ammoo ispoortii jaallattudha.

Ulfaatina kaasuun sochiiwwan qaamaa ishee gammachiisan keessaa tokkodha.

Erga dhaabbata dura hundeessite gurgurteen boda qalbiishee “Ameerikaan Futbool” taphachuurra godhatte.

Haata’u malee, gosti ispoortiin kun Neezerlaadis keessatti dubartoota biratti hin baratamne.

Leenjistoota yeroo gaafattutti Ameerikaan Futbool Neezerlaandis keessa dubartootaaf akka hin jirre itti himama.

Maal gochuu akka qabdu yeroo isaan gaafatutti, “Ameerikaan futbool taphachuu yoo barbaadde dubartoota fedhii walfakkaatan walitti qabuun garee hundeessuu qabda,” kan jedhu yaada gorsaa kennaniif.

Kennasaan rakkoorraa kaatee gara furmaata barbaaduutti deemuun hojiin ishee inni jalqabaa waan ishee barsiiseef carraa kanas gara bu’aa gaariitti jijjiiruuf murteessite.

Battalumatti dubartoota fedhii walfakkaatan walitti qabuudhaaf miidyaa hawaasaarratti beeksisa qoodde.

Firiin isaas hanga eegdeen ol ta’e.

Kennasaa Muluneeh: Dhalattuu Dirree Dhawaa Awurooppaa hanga Dubaayitti dhaabbileen gara garaa hundeessuufi deebistee gurguruun miliyeenara taate - BBC News Afaan Oromoo (3)

Madda suuraa, Kennasaa Muluneeh

Takkaadhumatti dubartoonni 200 ol ta’an magaalota gurguddoo Neezerlaandis keessa jiran fedhii akka qaban ibsaniif. Kennasaan yeroo hin gubne.

Hatattamaan leenjisaa qacartee, gareewwan kan ijaaruun, hidhannoo barbaachisu guuttee, dirree irratti taphatan qopheessuun tapha magaalota gara garaa keessatti gaggeessuu jalqabde.

Fedhiin Kennasaa tapha kana yeroo gabaabaatiif gaggeesitee dhaabuuf ture.

Haata’u malee dubartoonni isheen walitti qabde taphichi akka itti fufu barbaadan.

Tapha kanaanis gara liigiitti guddachuu akka qabdu amante.

Kanaaf, magaalota gara garaa keessatti garee hundeessuun tapha idilee gaggeessaa ispoortii itti bashannanan tokko akka ta’u gooteetti.

Taphichis sadarkaa liigiitti hundeeffame, abbummaa isaas hundeessituu kan taate Kennasaan dhuunfatte.

Miseensonni magaalaa hunda keessatti galmaa’anii taphatan kaffaltaa miseensummaa ni kaffalu, hidhannoofi uffata ispoortiis kan bitatan Kennasaarraati.

Galii guddaas argamsiisuuf jalqabe. Yeroo gabaabaa keessatti gara dhaabbata guddaatti jijjiirameef. Dubartoonni magaalaawwan gurguddoo Neezerlaandis keessa jiraatanis ispoorticha ni jaallatan.

“Taphicha yeroo murtaa’eef taphannee ni dhuma yaada jedhun qaba ture, haata’u malee, hangan eegee ol guddatee dhaabbata guddaa ta’e,” jechuun guddina dhaabbatashee yaadatti.

Kennasaan fayyadamtoonni dhaabbatashee haaraa yeroodhaa gara yerootti dabalus, dhaabbaticha abbaa taatee qabattee yeroo dheeraatiif turuu hin barbaadne. “Wantota haaraa yaaluu waanan barbaaduuf wanta tokkorratti yeroo koo balleessuu hin barbaadne,” jetti.

Kana waan ta’eef, Dhaabbata Ameerikaan Futbool dubartootaa Neezerlaandis keessatti hundeessite akkuma dhaabbatashee isa jalqabaa ni gurgurte.

Jireenyashee keessatti waan ishee mudate carraa hojii/dhaabbata ittiin uumuuf kan itti gargaaramtu dubartii gaa’ela qabduufi haadha ijoollee lamaa taate Kennasaan, keessumaa mucaashee lamaffaa yeroo deessetti ulfaatinni qaamashee dabaluun ka’umsa biraa ta’eeraaf.

Ulfaatina hir’isuudhaaf ispoortii hojjettullee takkaatti qaamnishee waan hin hir’anneef uffatawwan babal’aa uffachuun isheerra ture.

Ta’us garuu yeroo gabayaa deemtutti uffatawwan babal’aa (dhaqna guutessa ta’an) [plus size] argachuu hin dandeenye.

Mudannoon kun Kennasaaf rakkoo itti hin taane.

Kennasaa Muluneeh: Dhalattuu Dirree Dhawaa Awurooppaa hanga Dubaayitti dhaabbileen gara garaa hundeessuufi deebistee gurguruun miliyeenara taate - BBC News Afaan Oromoo (4)

Madda suuraa, Kennasaa Muluneeh

Akkuma duraan barte sana rakkoo kanas, yaada “furmaata barbaaduun qaba” jedhu maddisiiste.

Hanqinni uffatawwan gurguddoo anarra gahe namoota kaanirras ni gaha yaadni jedhu keessa bule.

Kanaaf, rakkoo namoota baayyee kanaaf furmaata arguuf hojii uffataa haaraa jalqanuun akka isheerra jiru murteessite.

Sababa kanaan dhaabbatashee “Muluu Biraand” jedhu hundeessite.

Dhaabbanni Kennasaa uffata hangi isaanii babal’aa ta’an omishu kun maqaa kan argate maqaa abbaashee Muluneeh jedhurraa ta’uu dubbatti.

Kennasaan yeroo ammaa kana Paakistaan keessatti warshaa uffata omishu qabdi.

Kanaaf jecha jireenyashee Neezerlaandisirraa gara Dubaayitti jijjiirteetti.

Dubaay ammoo hojii daldalaashee akka saffisiistuuf carraa gaarii akka isheef uume ibsiti. Omishootashee gabaa Eeshiyaa, Afrikaafi Awurooppaatti akka rabsituuf bakka giddu-galeessaa akka ta’eef dubbatti.

Dabalataanis, eenyummaafi hawaasa lama keessatti guddachuun ishee [Itoophiyaafi Neezerlaandis] gabaashee ballinaan qaqqabsiisuuf akka ishee gargaareeru dubbatti.

Afrikaa keessaa Gaanaafi Naajeeriyaa keessatti uffatawwan faashinaashee baayyinaan akka gurgurtu yoo ta’u, Itoophiyaatti ammoo dhiyeenya kana akka jalqabde dubbatti.

Yeroo itti aanutti ammoo Indiyaafi Paakistaan keessatti babal’isuuf karoora qabdi. Awurooppaafi Ameerikaan jalqabumarraa kaasee filannoowwan gabaasheeti.

Hojiinshee idileen rakoowwan qorachuufi furmaata barbaaduudha. Hojiin oonlaayin hojjettus kanuma waliin kan walqabatanidha.

Kennasaan amma hojiiwwan jalqabde hundaan bu’a qabeettiifi milkooftuu taateetti.

Hojjettuu cimtuu ta’uusheen alatti miidiyaan hawaasaa milkaa’inasheetiif gahee guddaa akka qabu ibsiti.

Miidiyaa hawaasaa keessa gahee warri taphatan lamatu jiru kan jettu Kennasaan, “tokkoffaan fayyadamaa [kan omisha ykn tajaajilarraa faayidaa argatu] yoo ta’u, fayyadamaan kan biraan ammoo [fayyadamaa miidiyaa garuu bu’aa kan hin arganne] jetti.

Kanaaf, isheen fayyadamtuu gosa jalqabaa sanadha. Miidiyaa hawaasaa omishaafi tajaajilashee waltajjii guddaa fayyadamtootatti ittiin gurgurtudha.

Hojii daldalaasheetiin alatti barsiistuudha jetti Kennasaan. Kan barsiistu ammoo yunivarsiitii ykn kollejjii keessatti qacaramtee miti.

Barattoota toora interneetiin [oonlaayin] galmeessuun muuxannoo jireenyasheefi biizinasii uumuu barnoota ilaallatan barsiisti. Barattoonnishee hedduunis biizinasiiwwan haaraa jalqabanii jijjiirama kan Fidan ta’uusaanii dubbatti.

Kennasaan dandeettii hojii uumuufi hojii barsiisumaatiin alattis kalaqawwan oonlaayiniirrattis bal’inaan hojjetti. Yeroo dhiyoo kana tapha [game] interneetiirraa ‘Adwa’ jedhu ifa gooteetti.

Taphni kun injifannoo Adwaa seena-qabeessa kan leellisudha.

Taatoowwan tapha kanarratti bakka buusteefi adeemsi waliigalaa taphichaas waraana sana keessatti gahee lammileen Itoophiyaa qabu ture kan yaadatu, kan hin mo’amne ta’uusaanii, gootummaasaanii kan leellisudha.

Kennasaaf dhaabbata hundeessuufi gurguruun hpjii ittiin beekamtudha.

Gara fuula duraattis argannoowwan qaawwa jiran duuchan barbaaduudhaan hojiishee akka itti fuftu dubbatte.

Kennasaa Muluneeh: Dhalattuu Dirree Dhawaa Awurooppaa hanga Dubaayitti dhaabbileen gara garaa hundeessuufi deebistee gurguruun miliyeenara taate - BBC News Afaan Oromoo (2024)

References

Top Articles
Latest Posts
Article information

Author: Gregorio Kreiger

Last Updated:

Views: 6016

Rating: 4.7 / 5 (57 voted)

Reviews: 80% of readers found this page helpful

Author information

Name: Gregorio Kreiger

Birthday: 1994-12-18

Address: 89212 Tracey Ramp, Sunside, MT 08453-0951

Phone: +9014805370218

Job: Customer Designer

Hobby: Mountain biking, Orienteering, Hiking, Sewing, Backpacking, Mushroom hunting, Backpacking

Introduction: My name is Gregorio Kreiger, I am a tender, brainy, enthusiastic, combative, agreeable, gentle, gentle person who loves writing and wants to share my knowledge and understanding with you.